Ezekiel 21:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mukhi sunini toko kara dira Amoni ka Raba jed'ani hayyu garsiisa, kaani dira Yerusalemu ka jabeesani jaarani, ka lafa Yuda keesa jiru, garsiisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra loltootaatiif Raabaa qachattii worra Amoorotaa gubba'aa fi akkasuma karaa Yerusaalemii qachaa Yihuuda'aa ta ijaaramte fidu irratti malkata godhi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa shallaagaan qachaa Amoonotaa Raabaatitti dhufu fakkii tokko, karaa shallaagaan biyya Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii ka dalleya dhaka'aa qabu dhufutti fakkii tokko kaasi.