Ezekiel 21:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani harki isaa mirgichi t'iya Yerusalemu garsiiftu fuud'e. T'iyiti sunini, wonti isiini isa garsiiftu, aka inni waan balbala fullo diratini ch'absu mid'aase, hobaati duula labse, waan balbalaani ch'absani kaani d'aatu balbala kaye, boola qote biyye olbaase diraani marsu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harki isaa ka mirgaa barreeffama ‹Yerusaalem!› jedhu fuudhee qabata; inni nama dhaqee waan kushe'een diigan akka qopheessu dhaaduu lolaaf nama qopheessu waan kushe'een diigan akka gara balbalaa dhiyeessu akka biyyee tuulee ijaaruu fi akka kushee marsaniin ijaaru hima.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu akka dhaabu, qaliisaaf ajaja akka baasu, iyya lolaalle akka dhageessisanu, waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu karra qacha'aa duratti akka dhaabu, biyyee tuulee akka kushee ijaaru, kunoo, hixaa daayaa ka gara Yerusaalemii akka inni deemu isatti himu harka middichatti qabateera.