Ezekiel 21:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba wonti anini, AABBO Waaqi guddaani, jed'u tana: ch'ubbu teesani ya mullisani, nami ch'ufti ya wollaala keesani arge; isani ch'ubbu teesani waan hojattani ch'ufaani la garsiiftani. Tanaafi wollaali keesani ya mullate, aninileeni amma harka nyaapa keesaniti isani kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; cubbuun keessan ifa bayeera; akka isin yakkamtoota taatan namni maruu hin beeka; isin waan gootan maraanuu akka cubbamtoota taatan mudhiftan; kanaafuu booji'amtanii deemtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Cubbuun teessan mudhatteerti. Isin yakkaameyyii akka teetane nami marti hin beeka; isin waan hujjane maraan cubbuun teessan mudhatteerti. Tanaaf, ani akka isin booji'anuuf, diinota keessanitti dabarsee isin hin kenna.