Ezekiel 21:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, woi fagi, waan anini, AABBO Waaqi guddaani, worra Amoni, ka worra Israeli arabsuni jed'u, iti himi waan jettuuni: Goraade namaani fit'ani, ta qarani addeesani aka angaasu bibilit'u, ya kurfeesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan worra Amooniitii fi waan arraba isaanii dubbiin ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isaanitti beessisi; guraadeen waa balleessu qophaayeera; akka bakakkaa falaqqisuu ajjeecha'aa fi balleessu'uuf qulqullaayeera!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Ati marroo worra Amoonotaatii fi marroo murgoo isaanii raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «‹Shallaaga'a! Shallaaga'a! Gonofaa keessaa buqqifami; akka ijjeettuuf balaqqisiisaaf morodami.