Ezekiel 22:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Raagooti worraleeni akuma nami booji adii mana dibe, t'uri isa d'ossu, ch'ubbu worraa d'ossiti. Worri daayya d'ara arge, dubbi kiyyiba fage, Nu dubbi AABBO Waaqa gudda dubbanna jed'ani, ka anini, AABBO Waaqi guddaani, worraani indubbatini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattonni akka nama dhaaba manaa nooraa dibuutitti cubbuu kana maraa dhossan; sobaan mudhata argine jedhan; raaga kijibaa raagan, kun dubbii Rabbii maraa oliiti jedhan; garuu ani womaa isaanitti hin himne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagoti isi'ii akka nama halluu adii dhaaba manaatitti dibuu cubbuu tana mara dhossan. Isaan mudhii dharaa dhaggaa, moruu dharaalle moran. Goottaan Mootiin Waan Maraa adoo isaanitti hin dubbatin, isaan: Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha jedhan.