Ezekiel 23:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri woya isi iraa hiikhe, qulla diidati baase, ilmaani isii ta d'iiratifi ta dubrale qabe, goraadeeni isi ijeese. Nad'eenileeni fulla ch'ufa waan isii tolchani wolti hasasite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan uffata isi'ii irraa mulqanii qullaa isii hambisan; ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa jalaa booji'an; isii garuu guraade'een ajjeesan; murtiin isii irratti raawwatame dubartoonni maruu waan isii irra gayeen oduu odeessuu jalqaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan woyaa irraa mulqanee qullaa isii hamburane; isaan ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee shallaaga'aan isii ijjeesane; muraan waan itti muranteef, isiin dubartoota keessaa nama ittiin mammaakanu teete.