Ezekiel 23:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba worra duula gudda gaari fardi hirkisufi ka sagale baatu qabuti mirgaa d'ufe si had'a. Worri kofia sibiila naqate, wonte guurate si marsaa. Duuba anini harka worrati si kenne, worri aada ufi gula waan fed'u si tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin maruu konkolaataa fardaatitti dhalee ufii fe'atanii hunna jaba'aan duultota hedduun marfamanii karaa maraanuu sitti dhufanii balaa sitti buusan; isaan wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhataniin uf irraa dhoogga'aa si marsan; ani murtii isaaniititti dabarsee si kenna; isaanillee akka seera ufiititti si adaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan garreettaa fardaan harkifamu ka lolaa hedduu, garreettaa fardaan harkifamu ka meyaa heddu'uu fi gosa biyya adda addaa bacaa woliin sitti hin dhufan. Isaan wontee, wontee uffatanu, gullee sibiilaalle naqatanee si hin marsan; anille muraa isaaniitiif dabarsee si hin kenna; isaanille akka seera ifiititti sitti hin muran.