Ezekiel 23:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini siti dallane. Worra siti lakise worri dallansu ufi keesa waan fed'u si tolcha. Funnaanifi gurra siraa ch'irani, ilmaani tante fit'ani. Ee, ilmaani tante ta d'iiratifi ta dubrale siraa fuud'ani ato jirtu gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waan sitti aareef isaan siin lolanii akka barbaadan akka si godhan isaanitti dhiisa; isaan funyaanii fi gurra kee hin muran; worri si irraa hafan guraade'een ajjeefaman; ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'anii si harkaa fudhatan; worra si irraa hafe ibiddaan guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan mufi'iin akka si adabanuuf, ani hinaaffaa tiyyaan sitti hin erga. Isaan gurra keetii fi funnaan keeti si irraa hin muran; ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee fudhatan; worra si keessatti jiru'uun hafe shallaaga'aan ijjeesan; kuun ibiddaan hin dhumatan.