Ezekiel 23:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ta angafa maqaani Oholi (isiini Samaria), maand'iti maqaani Oholiba (isiini Yerusalemu). Anini worra lachu fuud'e, ilmaani iraa d'ad'ale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa ta hangafaa Ohoolaa jedhamti; isiin Samaariya'a, ta maandha'aa ammo Ohoolibaa jedhamti; isiin Yerusaalem; ani isaan lachuu fuudhee ijoollee naa dayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maqaan angafitti'ii Ahola'a; ka obboleettii isi'ii Aholiiba'a; isaan lamaanuu kiyya te'anee, ijoollee dhiiraatii fi durra naa deyane. Akkuma maqaa isaaniititti Aholaan Samaariya'a; Aholiibaan Yerusaalem.