Ezekiel 23:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini huji isi ta sharmut'oma, ta gaafa lafa Misiri keesati dubrooma d'abde taani, hojatte lakisu didde. Haguma gaafa isiini dubrati asi, d'iirti isi bira rafte sharmut'a tolchite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin biyya Misirii ta durbummaa ufii itti dhabdee seebaruu jalqabde hin dhiifne; hennaa durbummaa isi'ii irraa jalqabee dhiirri maruu isi'i akka nama seebaruutitti laalanii isii woliin seebaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin sagaagalummaa biyya Gibxi'iititti jalqadde san hin lakkinne; dhiirti dargaggummaa isi'ii keessa isii woliin rafane sun bantii isi'ii balleessanee, fedhii sagaagalummaa ifii isii irratti dhangalaasaneeran.