Ezekiel 24:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan atini worra Israelitini jettu, wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Isani ijaarsa jajaba Mana Waaqa kanani guddo kortani. Isani mid'aaguma isaa laaltani jaalattani maro ch'ufa iti yaatani. Ammo anini t'ureese balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Rabbi Gooftaan banii Israa'eliititti akkana jedhii dubbadhu naan jedhe; mana kiyya woyyuu dhaaduu ulfinna keessanii, abdii ija keessaniitii fi gammachuu onnee keessanii ta'e akka batteessitaniif isin dhiisa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa ta Yerusaalemitti hafan woraanaan dhuman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Ati kolbaa Israa'eliitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani Galma kiyya ka koora hunna teessanii, ka isin guddoo jaalattanuu fi halchaa lubbuu teessanii hin batteessa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta isin Yerusaalemille'etti lakkittanee deentane shallaaga'aan hin ijjeefaman.