Ezekiel 24:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'e, Namicha, anini Mana kiyya ka jabeesani jaarani, ka worri jaalate koreeni, mid'aaguma isaa jaalate maro ch'ufa iti yau kana, worra biraa fuud'a. Ammalle anini ilmaani worra ta d'iiratifi ta dubrale iraa fuud'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedhe, «Ati ammallee ilma namaa! ani mana woyyuu ka isaan hennaa maraa yoo argan jaalatan ka bira dhaquu hawwan, ka dhaadataniinii fi ka guddisanii itti gammadan isaan irraa fudhadha; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaallee isaan jalaa fudhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Atille ilma namaa! Guyyaa ani Galma kiyya koora hunna isaanii, gammadaa fi ulfinna isaanii, ka isaan guddoo jaalatanu, halchaa lubbuu isaanii ka te'e, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle isaan duraa fudhadhu,