Ezekiel 26:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapi keesani suni hori keesani ka daldala ch'ufa saame boojie, naabo teesani ch'ufa ch'ach'abse maneeni teesani dadansa ch'ufa bulleese, d'akhaafi mukhaafi ch'abdo maneeni suni ch'ufa fuud'e baariini keesati jissa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qabeenni kee hin booji'ama; miini kee ka daldalaa hin saamama; dalloofni kee hin diiggama; manniin kee babbareedaan hin diiggama; dhagaan kee, balballinii fi tuulaan waan diiggamee galaanatti gatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan.