Ezekiel 26:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba faaru boha tanaani si faarsani: Diri gurra gudda qabu ya bade! Hobolo tante yayu baariini keesaa balleesani. Nami dira kana duri baariini mohate, nama d'aatu jiru ch'ufale mudamsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan akkana jedha'aa faarsa'aa sii booyan, ‹isin worri biyya daangaa galaanaa jiran raaftan ati qachaan jabduun gurra dhagayatte ta galaana biraa! ati attamitti galaana biraa dhabamte?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa, «‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante, ka abbaayaa irratti bulchaa teete, atii fi worri si keessa le'anu, ka worra achi le'anu bararassitane, ati attam ijjumaa badde!