Ezekiel 26:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini hayyu Babiloni ka Nebukadreza jed'ani, ka hayyu ch'ufa ira jiru, Tironi d'ufe haasisa. Inni duula gudda fardafi gaari fardi hirkisufi askarti miilaani yaatu qabuuni mirgaa d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii akka inni Xiroosiin irratti balaa buusu gara kaabaatii isi'itti fida; inni loltoota ufii jajjabaa worra faradoo yaabbatanii fi worra konkolaataa fardaa yaabbatan hedduu woliin dhufa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida.