Ezekiel 27:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Shamu miha kanketifi waan heddu lafa tante keesaa baha bitate ammalle worri d'akha ch'uluqa dotifi woya bule diimtufi waan barreesani ch'okhani heddufi woya booftatifi d'akha baariini ka booji fakaatufi d'akha diima ch'uluqale ch'ufa guure miha keetiini woljijirate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin biyya Sooriya'aa meeshaa kee ka daldalaatii fi meeshaa kee ka biraallee heddu si irraa bita'aa turan; bikka meeshaa si irraa fudhatanii Baluurii, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata faaya gara garaatiin midhaassan, jirbii qadhaa, faaya gara garaa ka Elellaaniin hojjatamee fi mi'a diimaa gatii gudda'aa sii kenna'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane.