Ezekiel 27:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Damaski miha kanketifi waan lafa tante keesati baha bitate, daad'i Helboni d'ufteefi woya shuufa ta Sahari d'ufteeni d'ufe miha kanke sunini siraa jijirate. Ammalle worri sibiila guraacha ka bassanifi waan sagaleeni urgeesanini d'ufe miha kanketini jijirate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin biyya Damaasqo'oo waan meeshaa keetiitiifillee daadhii woyini'ii ka biyya Helboonii fuudhanii fi rifeensa hoola'aa ka biyya Saahooriitii fuudhan sii kenna'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane.