Ezekiel 27:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri woya mimid'aadufi bubule didiimtufi woya barreesani ch'okhanifi makheka barritifi haadafi mseensa aka dansaa fohani siti gurgure.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan uffata babbareedaa, carqii diimaa dhiilge'ee fi uffata harkaan midhaassan, waan babbareedaa lafatti afatan, haada sirri'itti dhayanii fi sibaagoo sirri'itti dhaddoo dhayanii sitti gurgura'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane.