Ezekiel 27:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ejersa Bashani ch'ire mukha hobolooni oofani tolche, worri mukha d'ed'eera Kipro d'ufeeni, nafa kanke jaare ilka arbaatini ch'okhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kabalaan kee ka bisaaniin dhayatan qilxuu Baasaaniin keessaa argameen hojjatame; manni kee keessi muka hindheessaa ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame naannaya isaa ilkaan arbaa itti maxxansan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane. Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee, ilka arbaa itti maxxansanee seesane.