Ezekiel 27:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woya sini deemsisani ta boofta barriti, ta lafa Misiriti d'ufte fagootu beekhani. Darbaala kanke woya bule diimtu lafa Kiproti d'uftuni mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daasee markaba keetii akka yoo laalan fago'oo mudhatu uffata biyya Misirii ka faaya adda addaatiin hojjatameen midhaaffame; golgi kee carqii diimaa dhiilge'ee fi bulee guddisee bareedu ka lafa bisaaniin marfamte ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aa ka biyya Gibxi'ii irraa hujame akka baandira'aa ka ati ittiin beekkante; gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen, oddoola Eliishaahiitii dhufane.