Ezekiel 28:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, dira Tiro faarsi bohi waan jettuuni AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Atini duri nama d'ugaa qajeela, ka nama ch'ufaa akheekha dansaa tae. Ee, atini akami qaro, ammalle akami mid'aada!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati ilma namaa! waan hamaa mootii Xiroosii irra gayuuf faaruu gaddaa faarfadhu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isatti himi, ‹Ati waan ogeessaa fi bareedaa taateef fakkeenna mishaa namaa taatee turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Marroo mootii Xiiroosiitiif, faaruu gaddaa faarsiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka qarumma'aan guutante, ka dansummaan teetille dhidhinna hin qanne, fakkeenna waan dhidhinna hin qannee teeteertaayyu.