Ezekiel 28:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini oobru Waaqa ta Edeni keesa qubatte, faaya ch'uch'uluqa gosa heddu naqate: d'akha diima, d'akha adi ch'ulkicha, d'akha baricha, d'akha doti, ch'abbi ch'ululut'u d'akha ch'ulkicha, d'akha bule ch'ulkicha aka dulo dooqa, d'akha doti, d'akha diima d'iiga. Atini ammalle faaya worqi inqabda faaya kana ch'ufa, gaafa si uumani, sii mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati Eedenii bakka biqiltuu Rabbii keessa jiraata'aa turte, ati uffata worqi'ii ka dhagaa gatii gudda'aa ka Sardiyoon, Almaazi, Biralee, Maraagidi, Iyyaasphiidi, Sanpeerii fi Baluur jedhamanii waamamaniin midhaaffame uffata'aa turte; ati hennaa dhalatte irraa jalqabdee kana maraa hin qabda.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati oorruu Waaqaa Eden keessa jirtaayyu; dhakooti gatii gugurdo'oo Saardiyon, tophaaziyon, Yaasphis, kirisoliixos, sardoniikis, beerilos, safiiros, kaarbunilii fi simaaragidos uffana ati uffatteertu; wonni sitti naqamee fi sitti maxxanfame martinuu worqii irraa hujamaneeran; isaan guyyaa ati dadante qopheeffamane.