Ezekiel 28:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini guddo daldalte duuba wonti sunini had'iisafi ch'ubbu keesa si buufte. Tanaafi anini gaara kiyya qulqullo iraa si had'e, malaikaani si eeddu taanileeni d'akhaye ch'uch'ulut'u taani biraa si gussite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati waa bita'aa gurguru'uuf ariifatta; kun maruu gara hujii miidha'aatii fi gara cubbu'uu si geesse; sababaa kanaaf akka ati gaara kiyya woyyuu gad dhiiftee baatu si giddisiise; kanaaf maleekkaan Kiruub jedhamu dhagaa guddisee ifu ka gatii gugurda'aa keessaa ari'a'aa si baase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daldalli keeti bacatee hunnaan nama irratti ka'iisaan guutantee, cubbuu hujje. Tanaaf ani gaara kiyya woyyicha irraa akka waan batti'iititti gad darbee si balleesse; ee ati ka akka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu eedduu ka teete, ani odduu dhakoota ibiddaatii si balleesse.