Ezekiel 28:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini mid'aguma tanteetiini ufi koorsite, guddinni kanke mata si d'owe si daallese. Maro waan kanatifi anini darbaad'e lafa si buuse, aka hayyooti d'ibiini yo waan si tolchani kana gartu sodaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati bareeda keetiin guddiftee uf jajje; waan ulfinna barbaaddeef ogummaa kee salphifte; sababaa kanaaf gubba'aa gad si darbe; mootota biraatiifillee malkata adabbi'ii si taasise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati dansicha waan teeteef, gadhaan keeti si koore; ati ulfinna keetiif jettee qarummaa teeti balleessite. Tanaaf ani lafatti gad si darbee, moototi akka si ilaalanu godhe.