Ezekiel 28:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Anini worra Israeli gosa qara worra keesati firfirse keesaa galcha. Duuba akanaani gochiti ch'ufti aka anini qulqullo beeti. Ammalle worri Israeli lafuma ufi ta anini hojatu tiyya Yakoboo kenne keesa qubate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani worra Israa'elii biyyoota gara garaa ka isaan itti bittinnaayan keessaa wolitti isaan qabuu fi hennaa uduu baniin maruu argan banii kiyya keessatti woyyummaa kiyya mudhisu isaan deebi'anii lafa ufii ka ani hojjataa kiyya Yaaqoobii kenne irra jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa ani kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa ta isaan keessa bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, gosa biyya adda addaa duratti yennaa ani woyyummaa tiyya isaanitti mudhisu, isaan lafa ifii ta ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne keessa hin le'an