Ezekiel 29:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini lafa Misiri badi taka lafa d'ibi keesati inargini itiini d'ufe, haga ganna afurtama diri isii sunini dira lafa ch'ufa ira bade ona taha. Anini nama lafa Misiri ch'ufa lafa isaani keesaa baase, worri baqate lafa d'ibi keesa taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani biyya Misirii biyyoota ona ta'an caalaa akka isiin ona taatu godha; qachoonni biyya Misirii haga woggaa afurtamaa diiggamanii hafan; qachoonni isi'ii qachoota diiggaman keessa laakkayamti; Ani worra biyya Misirii akka baqatan isaan taasisa; akka isaan banii gara garaa keessa bittinnaayaanii jiraatan isaan taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani biyya Gibxi'ii biyyoota onane keessaa akka tokkootitti hin onsa; qachooti Gibxi'ii haga woggaa afurtamaa qachoota diigamane odduu ona te'anee hin tee'an. Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa keessa bittinneessee, biyya hedduu keessa hin faffacaasa.