Ezekiel 29:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha hayyuuni Babiloni, ka Nebukadreza jed'ani, ya askarti fud'ate dira Tiro aka hama had'e. Inni askarti isaa waan ulfo baachise, baani sunini rifeensa mata ira luqifte gurmule urte. Ammo hayyichafi askartileeni namu waan tae suni ira woma inarganne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ilma namaa! mootiin Baabiloonii Naabukadanatsoor biyya Xiroosiititti balaa buusu'uuf ka'ee loltoota ufii haga mataan isaanii irraa dhumuu fi haga ceekuun isaanii madaawutti ba'aa guddaa akka baadhatan isaan taasiseera; garuu mootichinii fi loltoonni isaa kana maraa dadhabanii wonti isaan ba'aa buufatan hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii duula jabaa Xiiroos irratti duulchisee, mataan isaanii luluqqa'ee, gurmuun isaanii ququnca'e; te'uu malee mootichaa fi loltooti isaalle eloo saniif Xiiroos irraa bu'aa tokkolle hin dhaggane.