Ezekiel 29:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma tana wonti anini, AABBO Waaqi guddaani, jed'u tana: Anini lafa Misiri hayyu Nebukadrezati kenna, Inni lafa suni had'e saame, balleese, waan worri Misiri qabu ch'ufa boojie, waan suni ch'ufa askarti isati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ani biyya Misirii mooticha Naabukadanatsooritti dabarsee kenna; inni akka mindaa loltoota isaatii ta'u horii achi keessatti arge maraa saamee fudhatee deema.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani lafa Gibxi'ii mootii Baabilonii Nebukadnezaariif dabarsee hin kenna; innille karra isi'ii saamee fudhatee hin deema; wonni inni saamee fudhate sun loltoota isaatiif mindaa hin teeti.