Ezekiel 30:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini galaana Nile gosse, lafa Misiri harka worra ch'ubbu qabuti kenne nami gosa d'ibileeni lafa suni ch'ufa had'e balleesa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani bisaan laga Abbaayii hin gossa; worra biyya Misirii akka baallii namoota hama'aa jalatti kuftu taasisa; kanaafuu baniin ormaa maruu biyyatti sirima balleessan; ani Rabbi waan kana dubbadheera» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.