Ezekiel 30:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini humna Misiri, ta isiini d'aabbatte taani ch'absinaani lafti Tapanesi dukanoofti. Ammalle dumansi lafa Misiri d'osse, nama dira isii keesa tau ch'ufale boojiani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa ani hunna biyya Misirii caccabsee waan isaan ittiin dhaadatan balleessu Xaafinaas dukkanaan golgamti; biyyi Misirii duumessaan golgamti; worri qachoota isi'ii keessa jiraatan hin booji'aman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman.