Ezekiel 30:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana duuba wonti anini, AABBO Waaqi guddaani, jed'u tana: Anini yayu hayyu Misiriti nyaape; anini harka isaa lachu, ka qara ch'abeefi ka inch'abinile, ch'abse goraade harka isaa keesaa buusa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf wonti ani Rabbi Gooftaan jedhu kana; «Ani mootii biyya Misirii lolaan itti ka'eera; kanaafuu harka isaa lamaan ka dura cabee fi ka fayya'aallee deebi'ee cabsu'uuf qophaayeera; akka guraadeen harkaa bu'u godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha.