Ezekiel 31:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi armaa achi mukhi tokoleeni, ato haga fed'u madda gubba ejele, deebie haga mukha suni ind'eeratu, yokhaani old'eerate fiit'eeni isaaleeni dumansa intut'u. Mukhi ch'ufti, akuma namaa due boola ekhera d'aqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni haguma fedhellee bisaan dhuga'aa yoo guddate munni akkaataa kanaan hojjaan isaa haga duumessaa gaye ammaa achi sirima hin jiraatu; murtiin du'aa ka worra du'an irra gawu isaan irrallee hin gaya; du'anii worra du'etti eda'aman.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, muki laga qarqaraa marti, baala rubbanaan gubba'atti dameelee ifii ol yaafatee, haganaa achi kooree mataa ifii ol hin baafatu. Haganaa achi muki bisaan akka maltetti dhaggate marti akka kana hojjaa hin qabaatu. Tokko tokkoon isaanii worra du'aaf kennamane, ka gara qile'ee gad bu'anu woliin akka gad bu'u itti murteeffameera.