Ezekiel 31:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Guyya mukhi sunini due boola ekhera d'aqu, anini bisaani madda iti fach'aasa, aka wonti sunini akheekha boha taatufi. Ammalle anini yaasuma galaana kute, madda heddule yau d'owa. Waan mukhi kunini duefi, anini gaareeni Lebanoni ch'ufa dukaneese mukha badda isiile ch'ufa gogosa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa munni sun muramee worra du'anitti eda'amu bisaan lafa jalaa san cufee namoonni hedduu uduu booyaniif isa irra gara gala; lanni hedduu akka adda citan godha; bisaan gugurdaan yaa'u akka dhaabatu godha; sababaa kanaaf waan gaarran Libaanosii dukkanaan golgu fida; kanaaf mukkiin lafa raasa'aa jiran maruu hin quuran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa: Guyyaa hindheensi sun gara addee worri du'e jiruu gad bu'u, gaddi akka te'u godhe; ani bisaan qile'ee duuche; laga isaalle cufe; bisaan hedduulle dhaabbachiise. Sababa isaatiif gaarri Libaanonii dukkana akka uffatu godhe. Mukooti badda'aa marti qoorane.