Ezekiel 31:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja anini mukha suni boola ekhera keesa buusu, dibbeesi lafa d'aicha isaa gosa ch'ufa chochoosa. Qaariitini isaa suni mukha Edeni ch'ufafi mukeeni Lebanoni ta bisaani burqa gubba ejaanjitu ch'ufa ta boola ekhera d'at'e, guddo gammachiifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani muka san hennaa akka inni du'ee ka du'an kaawwanitti eda'amu godhu laagaan kufa isaa banii maraa hollachiisa; mukkiin jeennata keessaa ka worra du'e kaawwanitti eda'amanii fi mukkiin Libaanosii mimmishaan bisaan dhuga'aa guddatan maruu inni du'ee waan worra du'anitti eda'ameef hin gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ani worra gara boolla addee worri du'e jiru, gad bu'u woliin gara addee worri du'e jiruu gad isa buuse, huuruu jinnana isaa dhageettee gosi biyya adda addaa akka hollattu godhe. Mukooti Edenii marti, mukooti Libaanonii ka filatamane martii fi mukooti bisaan akka dansaa dhaggatane ka qilee lafaan jalaa keessa jiranu mara jinnana isaatiin gammadane.