Ezekiel 31:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mukhi sunini hayyu Misiritiifi nama isaa ch'ufa. Mukhi tokoleeni ka Edeni keesa jiru, ka akasi d'eerate mid'aagu, tokoleeni injiru. Ammo amma tana akuma mukeeni Edeni taani, mukhi suni boola ekhera d'aqe, worra Waaqa imbeenneefi ka woraanaani d'umeti darama. Nami waan kana jed'u ana, AABBO Waaqa gudda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Munni fakkeenna mootii biyya Misiriitii fi banii maraati; mukkiin jeennata keessa jiran keessaa ka hojja'aan bareedaan isa gawu hin jiru; amma ammo akka mukkiin jeennata keessaa ka worra du'anitti eda'amanii innillee du'ee worra du'anitti eda'ama» Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Mukoota Edenii keessaa ulfinnaa fi guddinnaan si woliin ka wol fakkaatu kam ree? Te'uu malee atille mukoota Edenii woliin gara lafa jalaatitti gad hin buuta; ati worra shallaaga'aan qalame woliin worra Waaqa malee le'u odduu hin irkatta. «‹Kun fakkeenna Fara'ooniitii fi kolbaa bindillaa isaa ti, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa› jedhi» jedhe.