Ezekiel 31:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Simpirreeni lafa keesa jirtu ch'ufti dameele isaa irati mana jaarate, bineensi alalleni isa jalati ilmaani d'ale, gochiti lafa ch'ufaleeni gaadisa isaa jala boqotti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simbirran maruu dameewwan sanniin irratti maandhee ijaartan; busaayaan lafa irraa ilmoolee ufii gaaddisa isaa jalatti dhalan; baniin gugurdaan maruu gaaddisa san jalatti hara baafaa'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sinbirrooti marti dameelee isaa keessatti mana ifii ijaarratane; bineensoti marti dameelee isaa jalatti ilmoolee dhalane. Gosi biyya adda addaa gugurdoon marti gaaddisa isaa jala leete.