Ezekiel 31:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hind'eesi tokoleeni, ka oobru Waaqa keesa jiru, ka isaani wolfakaati injiru. Mukhi tokoleeni ka dame akasi qabu injiru. Mukhi abratu fakaatu ka akasi galmaleeni injiru. Mukhi oobru Waaqa keesa jiru, ka akasi mid'aagu, tokoleeni injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Munni Libaanosii ka jeennata Rabbii keessa jiru isatti hin bikkamu; hindheessi damee isaa hin gayu; dameen dhaddachaa damee isaatiin yoo wolitti bikkan waan diqqoo woyiiti; mukkiin jeennata Rabbii keessa jiran keessaa ka akka isaa bareedu tokkollee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hindheensi oorruu Waaqaa keessa jiruuyyuu isa woliin wol hin qixxawu; muki gosa adda addaa ka dameelee dheertuu akkasii qabu hin jiru. Mukooti oorruu Waaqaa keessaa ka miidhaginna isaatiin wol qixxawu tokkolle hin jiru.