Ezekiel 32:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini si tolchu sunini gosa heddu rifachiifti. Hojja anini goraade tiyya raraase d'ufe, hayyootileeni mudamte holatti. Guyya atini baddu suni hayyoota ch'ufa lubbuuni d'ufte holatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin hedduu si arganii akka nayan godha; hennaa ani guraadee kiyya isaan afo'otti kaasu mootonni isaanii sababaa keetiif sodaatanii hollatan; guyyaa ati kuftu namni maruu lubbuu ufiitiin sodaatee hollata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isaan duratti shallaagaa kiyya yennaa mirmisse, kolbaan hedduun marroo waan keetiitiif akka rifatanu hin godha; mootoleen isaaniille sodaatanee hin hollatan. Guyyaa jinnana keetii tokko tokkoon isaanii yennaa mara lubbuu ifiitiif hin sodaatan.