Ezekiel 32:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, hayyu Misiri aka dansa gorsi waan jettuuni: Atini gosa d'ibi aka nyeench'a mohata, ammo nyeench'a suni ira atini nyaacha galaana dakhaatu fakaata. Atini miila keetiini bisaani booreesite galaana t'ureesita.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii booyiitii jabeessii isa seerii waan ani sitti hime akkana jedhii isatti himi ‹Ati hennaa orma keessa jiraattu akka leencaatitti uf laalte; ati ammo akka busaayaa guddaa naacha fakkaatu ka guddisee nama sodaachisu ka galaana keessa gara gaggaluuti; ati lukaan dhiita'aa bisaan booreessita.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitiif faaruu gaddaa faarsiitii, isaan, ‹Ati gosa biyya adda addaa keessatti akka neenqaa ti; te'uu malee akka bineensa naacha fakkaatu ka abbaayaa keessaa ti; ati laga keeti keessa bisaan facaasaa, miila keetiin kokorsaa laga isaanii booressita.