Ezekiel 32:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara duri jannoomaani gurra baafateefi ammalle jari woraana keesa worra Misiriti kalche, ka amma due boola ekhera keesa jiru, boola suni keesati worra Misiri ka raawateeni dubbate waan jed'u: Worri waaqa imbeenne ka woraanaani raawate kaani, ya arma d'ufe, ka ch'iisu kana, laala!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa worri biyya Misirii dhumanii worra du'anitti eda'aman worri jajjabaan du'anii lafa jala jiran isaan simatan; hennaa isaan simatan ‹isin worra wolii galtan woliin kootta'aa gad bu'aa worra Rabbitti hin amanne ka lolaan dhuman woliin ciisaa'a!› jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooressitooti hunnaameyyiin, addee worri du'e jiru keessaa marroo Gibxi'iitii fi marroo kolbaa isi'ii bindilla'aa, ‹Isaan as gad dhufanee worra Waaqa malee le'u, ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin irkataneeran› jedhanee hin dubbatan.