Ezekiel 32:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Elamuleeni, ka irreesi askarti isaani marse, achi jira. Askartini sunini ch'ufti lola keesati raawate, ato qabanqaba inqabatini boola ekherati gabuute. Worri gaafa jiru nama mudamsiise, ammo amma ya raawatani ch'eera irati hafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Awwaalli banii biyya Eedaanii heddullee achi jiran; isaan worra banii lubbu'uun jiru raasa'aa turan; worra lolaan dhumanii fi worra uduu Rabbitti hin amanne du'an; isaan worra salphinna uffatee du'ee worra lafa jala jiranitti eda'aan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Elaamille awwaala kolbaa isi'ii bindilla'aa maraan marfantee achi jirti; marti isaaniituu shallaaga'aan ijjeefamane; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti du'a worra waaqa malee le'uu du'anee, boolla qile'eetitti gad bu'aneeran; worra boolla qile'eetitti gad bu'e woliin salphataneeran.