Ezekiel 32:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worri Elamu worra woraanaani hobae woliini ch'iise, irreesi askarti isaanileeni worra marse woli gahe. Worri ch'ufti ato qabanqaba inqabatini woraanaani hobae. Worri gaafa jiru nama mudamsiise, ammo amma ya raawate ch'eera irati hafe, qooda worra woraanaani hobae argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoota biyya Eelaamii ka baay'inna qabanii fi banii keessaa worra guraade'een ajjeefamaniif huleen isaan hara itti baafatan qophaayeeraaf; awwaalli isaaniillee naannoo isaanii jira; isaan maruu uduu hin amanne worra woraanaan dhuman; kunniin worra namoota lubbu'uun jiru raasa'aa turanii woraanaan dhuman; worra salphinna uffatanii gara qile'ee bu'aniin wolitti makaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan kolbaa isi'ii bindillaa adaala awwaala isi'ii jiranu mara woliin, worra qalame odduu taqee isi'ii keyane; marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. Lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, worra boolla qile'eetitti gad bu'u woliin salphataneeran; isaan worra qalame odduu ciisaneeran.