Ezekiel 32:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaarole lafa mirga mohatufi worri Sidonileeni achi jirani. Worri gaafa duri irre qabu nama mudamsiise, ammo ammatana nama woraanaani hobae ka qabanqaba inqabatini, woliini ch'eersani, boola ekhera keesa ch'ibsisani. Worri sunini qooda worra ch'eeraani boola ekherati gale agarta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Abboonni murti'ii ka gara kaabaatii fi worri Siidoona'aa achi jiran; isaan baallii ufii hedatanii yoma woraana kaasanillee salphatanii worra du'anii lafa jala jiranitti eda'amaniiran; isaan uduu Rabbitti hin amanne guraade'een dhumanii salphinna uffatanii worra uduu Rabbitti hin amanne dhuman wolii ciisaniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Qondaaltoti gara kaabaatii fi worri Sidoonii marti achi jiran; isaan worra qalamee woliin salphatanee gara boollaa gad bu'ane; hunni isaanii ta akka nami bararaqu gootu adoo teetuu, worra dhumatane, ka salphatane, ka Waaqa malee le'anu, ka shallaaga'aan ijjeefamanee boolla qile'etti gad bu'ane woliin irkataneeran.