Ezekiel 33:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan jettuuni, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini inkakhad'a, aka hojja ch'ubbichi duu ingammanne. Anini sila fulla suni aka inni ch'ubbu lakise jiraatu fed'a. Worra Israeli, ch'ubbu teesani iraa deebia. Isani maafi duu feetani?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef namni cubbamaan cubbuu hojjachuu dhiisee akka lubbu'uun jiraatuuf malee akka inni cubbu'uun du'u isatti hin dhiisu; kanaafuu isin Israa'el! hujii keessan hamaa dhiisaa'a maaf du'a barbaaddan?» jedhii isaanitti himi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati isaaniin, ‹Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Nami hamaan hujii hantuu ifii irraa deebi'ee akka jiraatu malee, du'a nama hama'aatitti hin gammaddu. Ee kolbaa Israa'elii, isin maaf duutan ree? Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a! Deebi'a'a!› jedhiin.