Ezekiel 34:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini wold'aqisa nagayaa worra woliini tolfad'e bineensa hamama lafa keesa jiru ch'ufa balleesa, aka akanaani hooliyeeni tiyya nagayaani diidafi baddale keesa oolte bulti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waadaa isaan wobii nagayaa ittiin argatan isaan woliin gala; busaayaa babbadaa lafa irraa balleessa; kanaafuu hoolonni tiyya hulee itti bobbayan marattuu nagayaan bobba'anii jiraachu'uu fi bosona keessallee buluu hin danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le'anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda'aa lafa isaanii keessaa hin balleessa.