Ezekiel 35:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini, AABBO Waaqi guddaani, amma inkakhad'a, waan isani worra kiyyati dallantani d'iibifatani jibbitaniifi, anini haalo tana imbaasa. Duuba akanaani worri imbeekha, aka anini, maro isani worra woi tolchitaniifi, isani gaargalchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef sababaa isin jibbansa, lolaa fi hinaaffaa banii kiyyatti mudhiftaniif adabbii isin barbaachisu isinii kenna; hennaa ani isin adabu isaan akka ani Rabbiin ta'e akka beekan godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dhugumaan jiraata'a! Akkuma ati isaan jibbitee isaanitti aartee hinaatte, anille akkasuma si hin godha. Ani yennaa sitti muru odduu isaaniititti beekkamaa hin te'a.