Ezekiel 35:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
akuma isani gaafa gumi tiyya ta Israeli balleesani kaani iraa gammaddani. Gaareeni Edomu ee lafti Edomu ch'ufti badde ona taati. Duuba akasiini nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma isin biyyi Israa'elii gammoojjii taanaan gammaddan anillee gaarran Seer'iriitii fi biyya Eedoomii maraa gammoojjii taasisa; achiin maayessa namni maruu akka ani Rabbiin ta'e beeka.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Latti Israa'elii yennaa onte, ati waan gammaddeef, ani si'ille akkasuma hin tolcha. Ee gaara Se'iirii! Si'ii fi biyya Edoomii duudii ona hin tolcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e isaan hin beekan› jedha» jedhe.