Ezekiel 36:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini namaafi saa keesani ch'ufa horsiise lafa ira dabarsa. Isani lafa ira dabartani, ilmaani heddu d'altani. Anini akuma duri isani achi teetani kaani achi isani teesise, haga duri kaanile ira isani horsiise, isani deebansa. Duuba akanaani aka anini AABBO Waaqa beetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniinii fi busaayan akka horanii baay'atan godha; ijoollee hedduu hortanii baay'attan; achitti akka armaan dura jiraata'aa turtan sanitti jiraattan; ta durii caalaa isin duroomsa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani namaa fi horii isin irratti hin baceessa; isaan bacatanee hin horan; akkuma durii namooti akka isin keessa le'anu hin tolcha; ta durii caalaa waan dansaa isinii hin tolcha; yennaa san isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.