Ezekiel 36:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha, gaafa worri Israeli lafa ufi keesa tau kaani, worri woma taheeni lafa ufi t'ureese. Anini ammalle worra suni jibbe, worri niiti aada uwa qabdu, ta qulqullo intahini nati fakaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ati ilma namaa! baniin Israa'elii hennaa biyya tana keessa jiraatan jireenna isaanii duwwa'aa fi hujii isaanii badaa maraanuu biyyattii tana batteessanii turan; jireenni isaan afoo kiyyatti jiraatan akka dubartii garaa argitee akka batti'iititti laallamtuuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii yennaa lafa ifii keessa leetu, karaa ifiitii fi hujii ifiitiin lafa ifii batteessite. Karaan isaanii na duratti akka dubartii xuriin itti dhuttee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullinna hin qannee ti.