Ezekiel 36:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra Israeli, anini waan kana ch'ufa isanii jed'e intolchu, beekha. Wonti anini fed'u aka isani waan hamtu tolchitani kaani iraa ch'eertani, ch'eeri keesani mullatu. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti ani godhu maruu isiniif jedhee akka hin goone isin biratti haa beekkamuu; kanaafuu isin banii Israa'elii! jireenni jiraattan isin haa saalfachiisuu, salphinni salphattan isinitti haa dhagayamuu jedhee natti dubbate; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa kana isiniif jedhee akka hin goone beeka'a. Ee kolbaa Israa'elii! Marroo amala keessaniitiif qaanowa'aatii salphadha'a jedha› jedhi.